Wednesday, December 11, 2024

Kutaaleen Yukireen Raashiyaan hin qabatiin osoo NATO jala galanii waraanni ni xumurama -Zeleniskii – BBC News Afaan Oromoo

Must read

Madda suuraa, EPA

Pirezidant Voloodmiir Zeleniskii kutaawwan bulchiinsaa to’annoo mootummaasaanii jala jiraniifi Raashiyaatiin hin qabamiin dhaabbata Waliigaltee Waraanaa Kaabaa (NATO) jala osoo galee waraanni xumuramuu akka danda’u himan.

Kutaaleen bulchiinsa Yukireen kunneen miseensa NATO ta’uun waraana yeroo ammaa kana hammaachaa dhufe ni dhaabsisa jedhanii akka amanan turtii Sky News waliin taasisanirratti Zeleniskiin ejjennoosaanii ta’uu ibsataniiru.

Haata’u malee, miseensummaan NATO sadarkaa idil-addunyaatti beekamtiin kan kennamff kutaawwan bukchiinsa YUkireen hunda haala hammateen dura dhiyaachuu akka qabu pirezidantichi dubbataniiru.

Isaan booda Yukireen kutaawwan bulchiinsaa yeroo ammaa Raashiyaan to’attee jirtu “karaa dippilomaasiitiin” deebisuudhaaf mariidhaan ni yaalti jedhan.

Yaada pirezidantichi dhiyeessan kana hanga ammaatti qaamni dhiyeesse akka hin jirre dubbateera.

NATOn tarkaanfii akkasii kana fudhataa lata kan jedhu ammoo baayyee shakkisiisaadha.

“Yukireen yaada akkasii kana yaaddee hin beektu, sababiin isaa ammoo qaamni nuuf dhiyeesse” hin jiru jechuun ibsan.

NATO kutaawwan bukchiinsaa Raashiyaan to’attee jirtu dabalatee guutummaa Yukireen haala hammateen miseensummaatiif gaafachuu qaba jechuun gadi jabeessanii gaafataniiru.

“Kutaa biyyattii tokko miseensummaaf gaafachuun hin danda’amu,” jechuun SKY NEWStti kan dubbatan Pireziantichi, “Maaliif yoo jettan, yeroo ammaa kana to’annoo keenya jalatti kutaan Yukireen argamu qofti Yukireen akka ta’e beekamtii kennaa jirtu jechu; kutaan bulchiinsaa qabame ammoo kutaa bulchiinsa Raashiyaa akka ta’etti beekamtii kennuudha,” jedhan.

baayyeen yaada dhukaasa dhaabuu ibsaa jiru kan jedhan Zeleniskiin, garuu Raashiyaan irra deebiin akka haleellaa hin raawwanne malli dandeessisu hin jiru taanaan dhukaasa dhaabuun balaa qabasjedhaniiru.

Biyyisaanii miseensa NATO ta’uun qofti akka irra deebiin haleellaan irratti hin raawwatamneef wabii ta’uu danda’a jechuun ibsaniiru.

Pirezidantiin Yukireen michoonnisaanii warra lixaa murtee jabaarra osoo gahanii waraanichi yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu akka danda’u kanaan dura dubbatanii ture.

Agga gabaasaaleen agarsiisanitti, kan kanaan dura lamatti hiramtee turte Jarmaniin, Jarmanii Lixaa qofa miseensa NATO muuxannoo gochuu Yukireen irratti hojiirra akka ooluuf warri lixaa mariyatanii akka turan ibsamee ture.

Haata’u malee hanga ammaatti yaadni idileedhaan dhiyaate hin jiru.

Hanga ammaatti pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin guutummaa Yukireen yaada to’achuu dhiisaniirumoo akkami wanti akeeku hin argamne.

Kutaa bulchiinsaa Yukireen isa kamitu akka NATOtti makamuuf Pirezidant Vilaadmiir Puutiin hayyamu kan jedhu ammaaf waan hin yaadamnedha.

Latest article